Om avsnittet

Mata-Duree - Meeshaalee Gabroomfannaa Saba Oromoo: Waraana, Beela fi Amantee Meeshaa GodhachuuIjoo 1:* Amantii fi Qabsoo Bilisummaa OromooIjoo 2:* Oromoo Sanyii Daguuguu – Hongee fi Lola Geeggeeffamaa Jiru Cuunfaa fi Ejjennoo Yaa’ii GHO 11ffaa abni Oromoo, sirna kolonii Habashaa jalatti baroota 150 oliif hacuucamaa ture, yeroo ammaa ammoo caalaatti akka sabaatti diineffatamee, haala qindaaween duullii daguuggaa sanyii qara hedduudhaan irratti geggeeffamaa jira. Eenyummaa uummata gabroomfatamee dhabamsiisuun imaammata impaayera koloneeffattuu akkuma tahetti, mootummaan Itoophiyaa hardhaa, karaa tokko uummata Oromootti Humna Waraanaa qabu maraa fi Homnoota Biyyoota ollaa dabalatee itti duulchisuudhaan daguuggaa sanyii raawwataa ture raawwataas jira. Karaa biroo ammoo uummata Oromoo kibba fi kibba-baha hongeedhaan miidhame gargaarsa dhorkachuudhaan hongeedhaan akka dhumu waggoota lamaaf callisee ilaalaa ture. Dhiha fi Kaaba Oromiyaatti ammoo itti duuluu fi duulchisuudhaan, ajjeechaa jumlaa fi qeeyee fi qabeenya uummataa mancaasuudhaan Seenaa Impaayera Ityoophiyaa keeyssatti sadarkaa argamee hin beeknetti, biyya irraa arihee akka gidiraa arguu fi dhumaatiif saaxilamu gochaa jira. Gurmuun Hayyoota Oromo (GHO)n, Rakkoolee saba isaa (kan siyaasaa, diinagdee, fayyaa, hawwaasummaa fi kkf) qorachuu fi too’achuudhaan adda-durummaan fala itti barbaaduun gahee hayyootaa tahuu hubatee; hundaa dura, Sabni Oromoo, Impaayera Ityoophiya jalatti hacuuccaa, saaminsaa fi gidiraa jaarraa tokko fi walakaa oliif irratti dagaagfame jalaa of bilisoomsee biyya isaa irratti abbaa tahuuf qabsoo bara dheeraa gaggeessaa jiru injifannoon akka xumuratuuf, gahee fi gaafatama beektotni fi hayyootni qaban bahachuuf ijaarame. Akeeka GHO keessaa inni tokko, uummata barsiisuu fi dammaqsuu waan taheef, GHOn mata- duree “Meeshaalee Gabroomfannaa Saba Oromoo: Waraana, Beela fi Amantii Meeshaa Godhachuu“ jedhu jalatti, Ebla 1, 2023, seminaara/yaa’ii barumsaa qopheessee milkiidhaan xumuratee jira. Qophiin marii kanaa haala yeroo ammaa, duula Oromoo fi Oromummaa balleessuuf deemaa jiru irratti xiyyeeffate. Hirmaatotni yaa’ii kanaa barumsa hayyootni Oromoo dhiheessan booda marii baldhaa godhuudhaan erga hubatanii wal hubachiisan booda, ibsa ejjannoo armaan gadii dabarsanii jiru. 1. Amantii fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo – Dhiibbaa Amantiin Duudhaa Oromoo fi QBO Irratti Qabu 1.1 Hundeen Amantiilee Jehuda, Kiristaanaa fi Islamummaa, aadaa, duudhaa fi falaasama Uummata Kush irratti kan hundeeffame tahuu seenaan ni mirkaneessa. Uummati Oromoos, Waaqa tokkotti amanuu, safuu fi kabaja inni uumamaaf qabu achi irraa waan maddeef, amantooti booda dhufan isa inni qabaachaa ture waliin hedduu waan wal hin faallessineef harka baldhisee fudhachuun, Oromooti hardha amantoota garagaraa kana hordofaa jiran. Haa tahu malee, amantooti duudhaa fi safuu Kush/Oromoo ganamaa S 2 irratti hundeeffaman kun as deebi’anii adaa, duudhaa fi amantee isaa tuffachuu, xiqqeessuu fi akka badu dhama’uun, irra taraniis…