
Poem: Karaan kee marga Hin baasu
VOICE FROM THE HORN Podcast · CHALA ABATE
- 19 min
- Säsong 1, Avsnitt 146
- Explicit innehåll

VOICE FROM THE HORN Podcast · CHALA ABATE
Walaloo dheeraa kana bara #2013 barreesse. Waggaa 10 guute. KARAAN KEE MARGA HIN BAASU! Karaan miilaa xiqqoon, isheen irra bobbaate daamotiin qabaattee, ittiin guca nuu taate, dukkana roobarraa, gaafas calaqqistee Dimimmisa jabaa, kan caaltee hangaate dachiin dhiphattee,ati futtaaftee hiiktee Daandii manii borii , kan haqaaraf yaaltee Kan ati eegalte, kan ati irra marmaarte Xonboora qabattee, ofii keetif gubattee Akka dungoo cobxee,meeqaf ifa laattee situ nuuf daawitii, sumaan biiftuun baate. Karaan kee, gaafasii, akkamiin baasa marga dhaloota qarayyootu, bal'isee itti fagaa daandii kee qabatee, maniin gahuuf fiigaa Kaayyoo kee dhugoomsuuf, finnni hardhas dhiiga. Oromummaa dhugaa, bu'ura godhattee, tokkummaa sabaa, daran jabeessitee, biyya ijaarudhaaf, qabsoo finiinsitee, eyyeen guddifnee, alaan allus halaalarraa galmi keenya guddaan, maniin Oromiyaarra. Karaan kee gaafasii, damboobee hanga’eeraa, Kaayyoo ulfoowwanii, onneet guduunfateera. Qaaman baayyattanillee, isin tokko yoomuu. Isin jedhee, an yoomuu sin waamu. Kaleessas, dheengaddas, hardhaa fi borus kunoo situ jiraa, gadaa darbeef dhufus, dhaloonni faana kee hiriiraa guduunfaa keetu, lammii baatee jira. Gadaan Meelbanaa,duroo Milkiin saara. Samiin gurraacha'ee, duumessi dacha'ee hurriin hin muldhatuu, bookkisuuf qophaa'e rooba jaalalaa roobsuuf, samiinis ulfaa'ee, mallattoo waloommiii, milkiitu muldhataa garuuyyuu haallata, Faroonoo toleeraa yeroon gamtaan lolan, gadaansaa gaheera. kunoo gamanaa fi gamaa, daandiin qajeeleraa geerraree wal waamaa,Foolin urgaa'eeraa guyyaa Bilisummaa, Qaata dhiyaatera. yeroon huruumanii, hurruma seenanii hurruma tottoleen, ummatti bahanii waliin imalanii, wal wajjin galani. Karaa jara keenyaa, abbootii qaqqaaroo warra boojuu hin beekne , jara didan roorroo warra afaan keenyaaf, tahan abukaatoo dhalootaa saranaaf jara tahe kortoo. Diina Orom innika,isa nuuf hin ciifne Jara jibba labsee, jibbi garaan baane, Jibbuma dhaalchiftee,akaakileen baane raagni isaanii fashalee, goonni keenya caalee Dhiiroo qoosaa mitii, akka itti as geenyee, kumaatama dhabnee, jiraattii awwaalamnee Oromoo tahuudhaaf,hedduun wareegamee afaan Oromoo dubbachuun, yakkamaa jedhamee saba koo hubadhu ,waallee qalbifadhu, afaan keenyaa yoom, akka afaanittuu Jaraan , lakkaawwamee, raadiyoo cabsaadhaan, dhagaatti hiikkamee afaan itti qaanii, akka tahuuf, afaan simbiraa jedhamee maal afaan keenya qofaa, maqaan keenyaa xuraahee Caalaa CUUBEE CEBBEXEE, Abbabbaa bassoo fixee. Kan isaanii qanani'eet, nyaataf kaadhimammee keenyaa aarin du'eet, waraansaf kenname. CAALAA HAAHILUU tiin Ebla,2013 Sudan, Shagarab Refugee Camp youtu.be/KnVxEsXZO1M Send us Fan Mail Support the show