Om avsnittet

DAAWITII SEENAA LAK. 2 Ni yaadattuu bara sana,bara guyyaan dukkanaa’ee, bara birmadummmaan nu cabuuf jala bultii ta'e, Bara koodeen koodee ganee, walirratti bobba'e, Gadaan laaffataa dhuufee, namuu gonfoo hawwee haadhoon haadhoo hiddee, akka summii jawwee. Fincaan 3n Tuullamaa,tokko diina kokkee qabaa, inni kaan taa'ee taajjabaa, Waliif dirmachuu dagatee, alagaaf dhaabbatee Galaan diinan lollaan, Abbichummoo nyaapha filate. kaanis cinaasaatti Macci, xis-ximbaa dhiisee, Finnasaa walitti qabuun, goojjoosaa hoo'isee, Akka waan diinni boru boroo hin seennee, nyaaphi yeroo itti eeggachuusaa wallaalee, koodeessaa cabuuf deemuu, cinaa taa'ee ilaale. Dhumaatii Gullaallee fi Suleen booddee, diinni akkaan jajjabaattee, Goobanaan diinatti michee, Tufaa Munaayyuu ganee Oggaa suusin xoophiyummaa, qabuuf miila cirattuu, Minilikiiif waadaa seenee Qusee Diingdeefaan, faana ofii buusee Diinaf hirkoo tahuun, obbolaan wal cabsee, Abbaa biyyummaan hafee, ormaaf ashakarii ta'ee Inni kaan mataan bu'ee hin jiruu, nama jiraan du'ee Dubbiitiin fala dhabdee, diinni abjuun xiqqaa mitii, Imala isaa hin dhaabnee, lixaa fi kibba lixaattii Of ijaaree, hidhatee waraanasaa bobbaasee, Inni fagoodhaa kuunnoo jedhan, oggaa kunootti dhiyaatuu, Inni kaan ni lollaaf hin lolluun, godoo keessatti wal nyaatuu, Ni gabbarraaf ni lollaan jirraa walii taa’uu, Walakkaan yoo qolatu walakkaan gabbaruu filaatee, Diinni garuu manii gahuu qabu beekaa, yoom achitti dhaabbate. IJoolleen Saglan iluu, jarri shanan gibee, Warri Torban Jaawwii fiixaan Sadeen Liibee, Ijoolleen Kumsaa Morodaa, fiixaan Jootee Tulluu, gaafa diinni godootti dhiyaatee, dhabame waliif galluu, Asii fi achitti nu qoodee, diinni qofa qofaatti nu hiddee, Oggaa Abisheen falmaa murteessee, Garbaa Addaamus Eeboof gaachana sirreessee, ni lollaan onnee goota kaasuf geerarsa achumammoo cinaatti Qadiidaa annabee, gantuun lammii keessaaa, haadhoo gurguratee, gootaa finiinaa san, Habashaan jiraa awwaaltee, Abishee soogiddaan Mataa dibdee loon mataa ol arraabsiftee, Finna Oromoo jabaa san tuffatamaa gootee Haamilee dhalootaa, qasham kashaa gootee keenyuma yaabbattee, keenyumaan nu nyaatte. Goobanni farda tahee, huddeelamee luugamamee Argaadhaa jaamee, fakkaattoota isaa waamee... Oromoon birmadummaan, akkasiin mulqamee, Namummaanuu hirdhatee, mirgisaa sharafmee. Akkam seenaa dagannaa, akkamiin deebinee, gabrummaa filannaa? Akkamiin abashalli, bara baraa nu faddalaa, Maal gaafa taanuu, shirrii dhugaa dhaalaa? Bara sana bara tokko tokkoon, dabareedhan cabne, Gadaa abdii cittuu dhabnee, nyaapha jalatti kufne. Oggaa ilmaan Sikkoo-mandoo gamasitti dhiiguu, kaan qubayyuu hin qabuu,hirriiba jabaan muguu. Jaarraa dacheen wal hanqattee, joolleen Leenjisoo Diigaa, Abbaa biyyummaaf, reeffi tuullamee fakkaatu kaakkaa, Gaafa dhiigni ijoollee Arsii, lola'ee fakkaatu yaa'a lagaa Biramannaa dhabee goonnee, oggaa qe’eensaayyuu barbadaa’uu Oggaa tokko qolatee, Tokkommoo harkaan boojuu ta’uu birmannaa dhabaaf, gaafa nyaaphni moo'uu, Hireen teenya takka…